(Madda Oduu ABO /MOA/ Bitootessa 20, 2010, Finfinnee, Oromoiyaa) Humni “Gaammee Bilisummaa” jedhamu Ergamtoota Wayyaanee ummata hiraarsaa jiran irratti tarkaanfiilee barumsa kennan addaddaa fudhataa jiraachuun gabaasame.
MOAn Oromiyaa giddu gala irraa akka gabaasetti, godina Shawaa Lixaa Ona Gindabarat-aradaa Awaxoo keessatti tarkaanfii humni bilisummaaf falmu kun fudhateen wayyaanota filannoof bobba’anii ummata rakkisaa turan hedduurra miidhaan gaheera.
Tarkaanfii Guraandhala 19, 2010 hakan fudhatameen humni Wayyaanee torbaan lamaaf ummata reebaafi doorsisaa turee Abuunaa irraa ka’ee galaa otuu jiranii bakka Hulaa Leencaa jedhamutti tarkaanfii meeshaa guddaan fudhatameen makiinaan tokko dhahamee wayyaanoti achi keess tuaranis madoo ta’anii jiru.
Namooti ijaan argan akka ragaa bahanitti dhukaasti humna bilisummaa Oromoof qabsaa’u kanaan dhukaafame kun laawuncharii ta’uu isaa fi konkolaatota Wayyaanoti ittiin adeemaa turan keessaa isa sadaffaa daaraa kan godheedha.
Haaluma walfakkaatuun Guraandhal 27, 2010 immoo tarkaanfuu bakka Muka Arbaa jedhamutti huna Wayyaanee irratti fudhdatameen Wayyanota keessaa namooti afur battaluma sanatti ajjeefamaniiru; namooti toraba immoo garmalee kan madaawan ta’uun hubatameera.
Humni “Gaammee Bilisummaa” jedhamu kun ibsa gabaabaa MOAf ergeen akka ibseetti, tarkaanfii qubbattoota diinaafi ergamtoota diinaa irratti qiyyaafate kanaan miseensoti fi ergamtooti Wayyaanee haleelamaa jiru. Akka kanaanis tarkaanfii Guraandhala 27, 2010 fudhatmeen ergamtoota Wayyaanee Jireenyaa Daadhii fi GabraMasqal Gabra Kiristoos Takilaay adabamanii jiru.”
Humni kun akeekkachiisa dabarseenis kanneen bilisummaa Oromoo dura dhaabbatanii sabboontota Oromoo diinaaf saaxilan irrattis tarkaanfiin walfakkaataa akka fudhatanu jabeessee dhaamee jira.
Humni “Gaammee Bilisummaa” jedhu kun itti dabaluunis, dargaggoti Oromoo bakka jiranitti bilisummaa Oromoof akka hojjatan dhaamsa dabarsee jira. “ Dargaggoti Oromoo utuu jirru, diinni saba keenya hiraarsaan dhumatuu qaba; kanneen ummata basaasanii diinatti saaxilan, kanneen wayyaanotaaf ergamanii ummata hiraarsanii fi kanneen garaa isaaniif jecha ulee diina ta’an irratti tarkaanfii malchiisaa fudhachuun dirqama seenaati,” jedhee jira.
MOA
|